Afaan Oromo

_____________________________________________________________________

Haala Du’iinsaa fii Sirna Awwaalcha  Jaarraa Abbaa Gadaa

The Gulele Post      Published on March 8, 2013.

 Obboleeysaa fii firri keenya, Jaarraa Abbaa Gadaa, Amajjii 12, bara 2013 dhibdee umrii waliin dhufteen qabamee, akka hamaa dhukkubsatee if wallaaluu mudate. Yaroo kana dhageenyu, dirqama firummaa tan nurra jirtu hubachuun, biyya keessa jiru keessatti, mana haakimaa kan dhukkuba isaatiif wal’aansa kennuu ni dandaya ja’ame geessine. Nuu haala kana keessa jiru, oduun dhukkubsachuu isaa, nuu ala baatee, sab-boonota gurra seente.

Sab-boononni oduu dhagayan, Koree “Gargaarsaa fii Tin’isa Jaarraa Abbaa Gadaa” jattu dhaabbachuun, haala isaa if bira dabranii, saba mara beeysisan. Gocha isaanii kanarraa, lammiin deeggarsa diinaggee kan ifirraa quba hin-qabne,  tinnisaa fii du’aa’iin nutti dirmatan. Gargaarsa sabaa tiifii kan Rabbii tiin, Jaarraa Abbaa Gadaa, Gurraandhala 15, 2013, haala keessa turerraa bayyanachuu bira dabree, inumaa, mana haakimaa turuun isa hin barbaachisu sadarkaa itti ja’amu gaye. Garuu, hamma nu keessaa, warri bakka inni jiru dhaquuf saganteeffatan isa bira gayanii haala isaa mirkaneeffatanitti, akkuma achi turu goone.

Warri nu biraa dhaqan, gabaasaa Doktoroota tajaajilaa jiran dhiheessaniif qofa odoo hin-taane, haala Jaarraa Abbaa Gadaa kan arkan irraa hiis, wayyaawuu isaatti amananii, Gurraandhala 25, bara 2013, waan barbaachisu mara qopheessaniifii, mana isaatti deebisan. Garuu, Jaarraa Abbaa Gadaa, obboleeyyan isa laaluuf dhaqan waliin yaroo xiqqoo gaarii dabarsee, gammachuu fii nagayaan eega gaggeesse booda, borumtaa, Bitooteessa 03, bara 2013, akka biyya keessa tureetti, waaree booda, sa’aa 1:40tti, harki nu gabaabachuu fii qoricha barbaachisu dhabinsarraa osoo hin taane, dadhabbii onneerraa madditeen laaffatee hatattamaan akka mana haakimaatti deebisaniin boqote. Innaa lillaahi wa innaa ileyhi raaji’uun.

Jaarra Abbaa Gadaa, nuuf obboleessaa fii fira dhihoo tahullee, nama dardarummaan fedhii isaatiin saba isaatiif if kenne. Bara 1966 keessa, qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tiif eega manaa bahe, takkaa if duuba hin deebine. Baroota afurtamii torban wal’aansoo saba isaarratti dabarse kana keessatti, dhibdee adda addaa kanneen mudatan keessa hulluuqee, as gayuun isaa tu dinqisiisaadha. Yaroo kana keessatti, bu’aan qabsoo bilisummaa tiif gumaache, kan nu fira isaa bira dabree, saba mara boonse. Kanaaf, du’iinsi isaa nu caalaa lammii mararaa jira.

Akka du’insi isaa dhagayameen, xiqqaa fii guddaan, dhalaa fii dhiirti lammii, gadda itti dhagayame karaa adda addaa tiin mul’isaa turan. Ammaas naannoo hedduminaan qubatan keessatti, taaziyaa taa’uun imimmaan xuruurfachaa jiran. Maatii isa duubatti hafteefiis gargaarsa guddaa godhaa jiran. Kana malees, biyyaa fii saba wal’aansoo godhaafii ture keessatti, akka awwaalamu fedhii qaban karaa adda addaatiin nu beeysisan. “Yo achi malee awwaalame, qabrii isaa findignee, reefka biyyatti galfannee awwaallanna” warri nuun ja’an heddu. Hawwiin kuni, jaalala Jaarraa Abbaa Gadaa tiif qabamu irraa kan madde malee, hammeenyaaf akka hin taanetti hubanna.

Jaarraa Abbaa Gadaa, kan sireerratti du’uuf takkaa hin saganteeffatin, akka inni fedhu hanqatee, tan Rabbii mudate. Bilisummaa manaa baheef odoo hin arkin, sabni isaa odoo ammallee gabrummaa jala jiruu, biraa deemuuf dirqame. Yaroo dhukkubaa ture, hoggaa if wallaalarraa dammaqe mara, dhaamsi Jaarraa Abbaa Gadaa, “waaniin jalqabe bakkaan naaf gayaa!” qofa ture.

Hamma nuti beeynutti, obboleessaa fii firri keenya, Oromiyaa hin bilisoomin Booleen Finfinnee seenuu takkaa itti rafee-ke’ee hin beeku. Bara 1991, gaafa qabsaawonni bilisummaa Oromoo marti Chaartara raggaasisuuf finfinnetti walitti qabaman, kan irraa ala ture isa qofa. Kuniis, dhaquuf carraa dhabee odoo hin taane, guyyaa san booda waan dhufaa, fageeysee waan hubatee fi. Kanaaf, alagaa fii lammii irraahiis, mangoddoon akka Shaggar ol bahu amansiisuuf Bisidiimotti itti dhaqanii, kadhatanii irraa dhaban, raga. Waan gaafas ja’aa ture, “taniin manaa baheef tanaa miti!” dha. San boodaas taanaan, akka biyyatti galee sadoo fii qananiin jiraatu godhuuf mootummaan jirtu karaa adda addaa tiin amansiisuuf carraaqaa turan. Inni garuu, akkuma ganamaan fedhii isaa kan sabaa dursetti, hamma maayyiitti gunaan sobamuu didee akkuma manaa baheen alatti hafe.

Duuba, lammiin teenya, Jaarraa Abbaa Gadaa, kan baroota 47af, mootummoota Habashaa, tan ammaa tiis dabalee, kanneen saba keenyarratti humnaan waldabraa dhufaniin lolaa ture, Oromiyaa ammallee harka diinaa jala jirtu keessatti deebi’ee akka awwaalamu fedhuun, haalaan nu dinqe. Irraahillee dhukkubsanne. Yaanni kuni, faallaa fedhii Jaarraa Abbaa Gadaa  ti jannee waan amannuuf, hamma dandeenyu dura dhaabbachuuf ijibbaanne. Silaa kan du’e kan deebi’u tahee, haala kanarratti yaada Jaarraan Abbaa Gadaa qabu kan beeku Rabbuma.

Akkuma olitti ibsinetti, Jaarraa Abbaa Gadaa, nuuf fira dhiigaati. Fira jeeyna akka isaa qabaachuu irraa gammachuu nutti dhagayamtu hoonga hin-qabdu. Haa tahu malee, hamtuu fii toltuu kan waliin dabarsaa bahe nu caalaa jaallan isaa kan qabsoo ti. Kana waan taheef, mirga isaan isarratti qaban keenyaa oli goonee laalle. Akkasumatti ammaas, ummanni keenya, kanneen baroota dila inni lolaa ture dahoo tahaniifiis, nu caalaa anaannataniif jennee amanna. Hubannoota kanarraa kanee, dhiibbaa karaa adda addaatiin nutti godhamteen injifatamnee, odoo garaan nu booyuu, reefka obboleessaa fii fira keenyaa, Oromiyaa keessatti akka awwaalamu murteessine.

Murtii teenya hujiirra oolchuuf, warra mootummaa waliin qunnamtii qaban waliin marii gooneen:

  1. Mootummaa Xoophiyaa tii fii Oromiyaa sirna awwaalchaa keessatti qooda tokkollee qabaachuu dhaba;
  2. Warri mootummaa gargaarsa awwaalchaaf barbaachisu irratti kan gaafataman qofa godhuu;
  3. Sirna awwaalchaa irratti, maqaa mootummaa tiin namni tokkolleen akka in haasoyne;
  4. Sanduuqa reekfi Jaarraa Abbaa Gadaa keessa jiru irratti alaabaan tokkolleen akka hin afamne;
  5. Fira, aalii fii sabni bal’aan Oromiyaa bahanii akka awwaallatan;
  6. Seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa guututti dhiheeffachuu;
  7. Reeyfi Jaarraa Abbaa Gadaa, akka biyya seeneen warra deemuun harkatti tiiysuun, itti gaafatama mootummaa tahuu;
  8. Naannoo itti awwaalamuttiis toyannaan qabrii isaa, akkasumatti, kan mootummaa tahu, irratti waliif gallee jira.

Waliigaltee armaa olii irratti irkachuun, reeyfi Jaarraa Abbaa Gadaa, bakka amma jirurraa, Bitooteessa 07, bara 2013 akka karaa Finfinnee deemee, Bitooteessa 08, bara 2013 Dirree dhawaa seenu. Achitti, Salaatul Janaazaan eega irratti salaatame booda, makiinaan karaa Calanqoo sossooha. Akka achi gayeen, jamaa awwaalchaaf walitti qabamaniin lamada irratti salaatamee, Dirree Calii Calanqootti, akka awwaalamu saganteessine.

Waliigalteen bakka bu’oota mootummaa waliin goone akka guutummatti hujiirra ooltu ni abdanna. Qabsaawotaa fii sab-boonoonni murtii fudhatamte tanaan addaa qaban, dhiibbaa nu  mudate ni hubatan jennee yaanna.

Dhumarratti, haala kana aanjeessuuf warra dhama’an mara, qophii dura dursinee galatoomfanna. Oromoota reeyfaa waliin biyya dhaquu murteeffatan, kanneen gargaarsaan nutti dirmatan, warra garaan isaanii keenya caalaa booyaa jiru hundaan, jazakumullah kheeyran, galanni keessan bilisummaa Jaarraan Abbaa Gadaa lolaafii ture haa tahu jenna.

Firaa fii aanota Jaarraa Abbaa Gadaa

Bitooteessa 07, 2013

_________________________________________________________________________________________________

VOA: “Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Olbaanaa Leellisaa fi Oromoonni Dabaan Hidhaman Haa Hiikaman!” Oromoota Ameerikaa

January 25, 2013 at 11:22 pm · Gadaa.com

 Namoo Daandii | VOA

WASHINGTON DC — Waashington DC fi kutaalee naannawa ishee jiran keessa kanneen jiraatan – lammiwwan Oromoo Har’a Ministirii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets fuul-duratti hiriira  geggeessanii jiran.

Oromoonni dhibbaan lakkaawawan qilleensa baay’ee qorraa keessa dhaadannolee “dhiittaa mirga dhala-namaa Mootummaan Itiyoophiyaa geggeessaa jira” jedhan balaaleffatanii fi kan Obbo Baqqalaa Garbaa fi Olbaanaa Leellisaa dabalee – suuraalee hoogganoota mormitootaa fi barattoota mana-hidhaa jiran – jedhan ol qabanii mirmirsaa dhaadannoolee dhageessisaa turan.

KIanneen hiriira kana gamtaadhaan waamanii fi qindeessan – Waldaa Qorannoo Oromoo, Jaarmayaa Hawaasa Oromoo Waashington DC fi Walgaa Wal-gargaarsa Dargaggoota Oromoo ti.

“Hidhaa, ajjeechaa fi roorroon bifa hundaan lammiwwan Oromoo irratti geggeeffamaa dhaabsisuuf akka Mootummaan Ameerikaa dhiibbaa godhu gaafanna” jedhu qindeessitoonni hiriira kanaa.

VOA

Gadaa.com

Hiriira nagaa Washinton DC-tti Geggeessame (VOA)

_________________________________________________________________________________________________

Dhaamsa Waggaa Haaraa ABO Amajjii 2013

dhaamsa_ABO

Muddee 31, 2012 (oromoliberationfront.org) — Miseensota ABO kaayyoo keessanitti cichuun QBO keessatti qooda lammummaa gumaachaa jirtan; Waraana Bilisummaa Oromoo haala ulfaataa jalatti diina kuffisaa kufaa jirtu;

Dargaggootaa Oromoo, sodaan alatti diina dhala namaaf naasuu hin qabne irratti finciluun mirga ummata keessaniif falmaa jirtan;

Kabajamaa Ummata Oromoo, sababa bittaa alagaan jireenya gadoo fi hadhaawaa keessatti argamtu; Akkasumas deggertootaa fi firoottan QBO;

Baga waggaa haaraa 2013 geessan jechuun ABOn dhaamsa isaa isiniif dhiheessa. Waggaan haaraa kunis bara ummatni Oromoo waanjoo gabrummaa jalaa bahee bilisummaa isaa itti gonfatuuf, bara diinni ummatootaa itti jilbeenfatee mirgi ummatoota cunqurfamoo itti waaru akka tahu hawwii isa ibsa.

Yeroo hunda waggaan haaraa wayta seenu waggaa dabre keessa kan raawwatame deebi’anii ilaaluu dhaan milkiilee argaman, gufuulee fi rakkoolee mudatan gamaaggamuun irra caalaa hojjatuuf of qopheessuufi. Bara 2012 keessa mooraan QBO maal fakkaataa ture? haalli ummata Oromoo hoo? Haalli impaayera Itophiyaa fi diinaa maal fakkaata ture? jedhanii kan dabre keesa deebi’anii ilaaluun waggaa haaraa keessa kan hojjatamuu qabu irratti hammilee fi murannoon itti seenuu fi gufuulee nu mudatan jabinaan dura dhaabbatuu fi irratti qabsaa’uuf gargaara.

Ummatni Oromoo kiyyoo kolonii Itophiyaa jalatti kufuu irraa mootummoota Itophiyaa darabeen isa bitaniin miidhaan dorgomaa hin qabnee fi hacuccaan dhala namaaf hin malle irra gaheera. Mootummootni irratti wal jijjiiran maqaa fi bifa jijjiirratanillee galiin isaanii tokkicha waan taheef gabrummaa itti jabeessaa dhufan malee irraa hin laaffisne. Sirni nugusummaa, soshaalizmiis tahe dimokraasii kan ittiin bittootni of golganii saaminsaa fi cunqursaa isaanii tarkaanfachiisan tahe malee ummata Oromoof faaydaan argamsiise homaatuu hin jiru. Keessattuu bara mootummaa Wayyaanee/IHADG ummatni Oromoo yeroo kamiyyuu caalaatti diina moggaafamee duula bifa gara garaa irratti geggeeffamaa jiruun jireenya du’aan olii jiraan gadii keessatti argama. Kana mirkaneessuuf ummatni Oromoo akkamitti akka jiraataa fi haala irra geessifamaa jiru ilaaluu qofti gahaa dha.

Har’a ummatni Ormoo biyya isaa irratti qee’ee isaa irraa humnaan buqqifamuun lafa dhablee taasifamaa jira. Maqaa misoomaa fi guddina shaffisaa argamsiifna jedhuun qotee bulaan Oromoo lafa isaa irraa buqqaafamuu fi ari’amu lakkoobsi isaa dabalaa jira. Addatti ammoo Oromootni andaara magaalaa gurguddoo fi daandiitti dhihoo jiraataan beenyaan alatti manni irratti diigamee ari’amaa jiran. Kana irraa Oromiyaa keessatti kan badhaadhaa jiran alagoota alaa dhufanii fi Wayyaanota aangoo of harkaa qabani dha. Oromiyaan bakka abbaan biyyaa itti hagabuu fi hiyyoomu alagaan keessatti duroomu taateetti.

Murna hawaasa Oromoo keessaa mootummaan Wayyaanee/IHADG addatti dargaggo Oromoo irratti xiyyeeffatuun kanneen tattaafata heedduun barnoota ol aanaa dhaqqaban barnoota irraa ari’aa, maqaa goolessummaan hidhaa, kanneen baratan ammoo jalee fi deggeraa sirnichaa hanga hin taanetti dalagaa akka hin arganne gochaa fi biyyaa akka dheessan taasisuun dabni ol aanaa raawwatu waggaa dabarsine keessa kan bal’inaan mul’ate dha. Dhalataan Oromoo baratee jireenya irra wayyaa akka hin jiraanne taasisuuf barnoota wayyaa waraana keessatti argattu jedhee gowwoomsuun lola isaa lolsiifataa fi waardiyyaa godhatuun jireenya hammaataa jalatti gammoojjiitti dhamaasa. Diinni dargaggoo Oromoo irratti xiyyeeffatee hidhaa, ajjeechaa, ukkaamsuu, arihatamuu fi rakkoolee adda addaa irraan gahu illee dargaggoon osoo hin jilbeenfanne wal gurmeessuu dhaan diddaan agarsiisaa jiru kan diina muddamsuu keessa seensisaa jiruu fi bilisummaan ummata Oromoo kan hin hafne tahuu mirkaneesse dalagaa boonsaa dargaggoo Oromoon waggaa dabre keessa hojjatame dha. Dhaadannoolee: Gabrummaan haa gahu!, Mirgi ummata Oromoo haa kabajamu! Alagaan bulfamuun as irratti haa dhaabbatu! Qabsaawaan ni kufa Qabsoon iti Fufaa! jechuun FDG bara 2012 keessa Qeerroon Oromoo adeemsise Oromiyaa waliin gaheera. Fincilli diddaa gabrummaa Qeerroo Oromoon adeemsifamaa jiru kunis hanga cunqursaa fi saaminsi ummata Oromoo irraa hin hafnetti kan itti fufu tahuu ABOn hin shakku.

Mootummootni Itophiyaa hundi amantiin golgamuu fi itti fayyadamuun bittaa isaanii dheereffatuuf itti gargaaramaa kan turan tahuun falamsiisaa hin tahu. Amantii tokko kan mootummaa taasisuun kaan moggeessuun tooftaa isaa beekamaa dha. Caasaa amantii keessa harka naqatuun matootii amantii ofiif fedhan irratti muudaa itti fayyadaman. Karaa biraan amantii qaphxii garaagarummaa taasisuun ummatoota wal irraa fageessuun bittaa isaaniif haala aanjeessan. Mootummaan Wayyaanee dimokraatawaa tahuu isaa guyyuu lallabatu matootii amantii dhuunfatee itti fayyadamuutti dabalee amantii hordofanii fi mirga amantii qaban kabajsiifachuuf gaafaatuu qofaan amantoota ajjeesuu, saamuu fi hidhuudhaan mootummoota Itophiyaa isa dura turan kan caale tahee argama.

Itophiyaa keessaa har’a kan baqataa hin jirre Wayyaanotaa fi kanneen ummata isaanii dagatuudhaan dantaa dhuunfaa isaaniif dursa kennan qofa. Kana irraa biyyoota lammiiwwan biyyaa cunqursaa, saaminsaa fi roorroo baqa biyyoota ollaatti baqatan keessaa Itophiyaan isii duraa ti. Mootummaa Wayyaanee dhaloota biyyaa akka baqatan taasisee bakka baqatanittis akka nagaa hin argannee taasisuu dhaan mootummoota biroo irraa addummaa qaba. Mootummaan Wayyaanee baqqattoota Itophiyaa walii gala addatti ammoo baqataa Oromoo irratti xiyyeeffatuun qondaalota mootummoota biyyoota ollaa garitti gargaaramee Oromoota hedduu ukkaamsuu fi ukkaamsisuun biyyatti deebiseera. Seera addunyaa cabsuun daangaa biyya ollaa keessa seenee kan inni ajjeesee fi ajjeesise lakkoobsaan hedduu dha. Kun hundi Oromoo irra kan geessifamuuf mirga isaaf falmatuu fi sirna abbaa irreef tole jedhee buluu diduu isaati irraa ti.

Waggaa xumurame keessa sirna cunqursaatti mataa tahuun waggoota 20 oliif abbaa irrummaan empayerittii dursaa kan ture dhabamullee kanneen sirna kanan leenjifamanii qopheeffamanii fi jaleewwan sirnichaa sirna farra ummatootaa kana itti fufsiisuuf kakuu isaanii haaromsuun, tuffii ummatootaaf qaban kan agarsiisu tahuutti dabalee, mirga ummatootaa ukkaamsaa jiratuun kaayyoo Wayyaanee tahuu mirkaneesse. Haalli yeroo dhihoo as mul’ate sirnichaa fi Wayyaanee kan laaffisee tahee argana. Kanneen aangoo biyyattii dhaalan mirga ummatootaa kabajuu fi kabajsiisuu irraa dantaa kan hin qabne tahuu qofa osoo hin taane kanneen isaan jala hiriiruun mirga ummataa kabajsiisna jedhanii abjootan osoo hin hafiin Wayyaanee jalatti mirga ummatootaa kabajsiisuun kan hin danda’amne tahuu waggaan darbe haala hin shakkisiisneen dhugoomseera. Kanneen jalummaan hiriiranis tahan karaa nagaa qabsoofna jedhan hundi moggeeffamanii aangoo furtuu irraa fageeffamuu fi yakka hin raawwatneen hidhaa waggaa dheeraa itti murteessuun waltajjii siyaasaa irraa fageeffaman. Kunis Wayyaanee jalatti mirgi ummatootaa kabajamuu fi sirni dimokraasii dhugoomuun kan hin yaadamne tahuu agarsiise.

ABOn bu’ureeffamuu irraa eegalee walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf qabsoo siyaasaa fi hidhannoo kan raggaafate amalaa fi aadaa siyaasaa bittoota Itopiyaa irraa ka’uun ture. Har’as taanaan ABOn tooftaa fi tarsiimoo QBO ittiin geggeessu kana irraa osoo hin goriin falmaa diina irratti adeemsisaa jiruun waggaa dabarsine keessa injifannoolee hin tuffatamne diina irratti galmeessee jira. Har’a golee Oromiyaa mara, magaalaa fi baadiyyaa hundatti, WBO diinaa fi lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii fudhachuu irratti argama. ABOn akka diinni hawwutti kan dhabamsiifamu osoo hin taane kan guddataa fi kaayyoon isaa deggersa ummataan jabaataa fi babal’ataa deemu tahuu waggaan dabarsine haala hin mamsiifneen mirkaneessa.

Waggaa dabre keessa ummatni Oromoo bilisummaa fi walabummaaf wareegama barbaachisu kafaluuf qophii tahuu kan itti mirkaneesse, jaalalaa fi deggersa dhaaba isaa ABOf qabu caalaatti itti mul’ise, deggersaa fi tumsa WBOf godhu itti guddisee dha. Tarkaanfiin harqoota gabrummaa of irraa buusuuf ummata keenyaan fudhatamaa ture kunis kan qabsaawotaa fi firoottan qabsoo gammachiise, diina ummata Oromoo mataa gadi qabachiise dha.

Diddaan gosa adda addaa, fincilootni fi tarkaanfiileen fudhataman guyyaa bilisummaa ummata Oromoo dhiheessu, dhabama diinaa jarjarsaa jira. Qabsoon bilisummaa ummata Oromoo hanga fiixa bahutti qabsoon bilisummaa kan hin dhaamne tahuu dalagaan dhugoomeera. ABOn murannoo ummata keenyaa kana dinqisiifataa QBO caalaatti jabeessuu fi finiinsuuf kan hojjatu tahuu irra deebi’ee mirkaneessa.

Yeroo ammaa kana hubannoon ummata keenyaa sadarkaa amansiisaa irra gahee jira. Walabummaan biyyaa fi bilisummaan ummataa hawwamu wareegama kan gaafatu tahuu, qabsoo finiinsuun alatti falli ittiin diina of irraa kaasan kan biraa akka hin jirre caalaatti hubateera. Kun kan abdachiisuu fi QBO fuula dura furgaasu tahuun amantaa ABO ti. Waan taheef milkiilee hanga ammaatti qabsoon argaman jabeeffataa kanneen hafan guuttatuuf bara 2013 jabaannee sosso’uun dirqama lammii hundaa tahuu ABOn yaadachiisa.

Qabsoo bilisummaa ummata tokkoo kan injifannoon gahu ummaticha abbaa dhimmaa qofa. Alagaan bilisummaa ummataaf argamsisuu fi diinni mirga ummataa fedhiin kennus hin jiru. Kanaaf hawwii keenyatti firii gochuuf hadhaa qabsoo waliin unatuu fi dantaa ummata ofiif bakkayyutti falmuun akkaan barbaachisaa dha. Fiixa bahiinsa akeeka keenyaaf kaayyoo kaaneef irratti cichuun aarsaa barbaachisu waliin baasaa waggaa haaraa kana keessa injifannoo cululuqaa galmeessuuf waliin haa kaanu.

Ummatni Oromoo yeroo ammaa kana duula saaminsaa itti banameen lafaa fi qe’ee isaa irraa buqqaafamaa tooftaa adda addaan alagaa biyya isaa irra baayyinaan qubachiisuun minority taasisuuf tattaafatamaa jira. Addatti ammoo diinni demography magaalaalee Oromiyaa jijjiiruuf bal’inaan irratti bobba’ee argama. Kanaaf gabrummaa bifa haaraa ummata Oromoo irratti hidda yaafataa jiru kana ciruudhaaf ummatni Oromoo shira diinaa kana hubbatee gurmuu isaa jabeeffatuun qabsoo isaa finiinsuun daandii filmaata biraa hin qabne tahuu ABOn irra deebi’ee yaadachiisuu fedha.

Bara 2012 keessa sochiin Qeerroon Oromoo finiinsaa ture sagalee ummata Oromoo dhageessisuu fi miidhaa irra gahaa jiru hubachiisuu keessatti qoodni gumaache ol aaanaa dha. Ummata akeeka tokko jalatti diina tokkicha irratti hiriirsuuf hojiin Qeerroon hojjatame kan nama jajjabeessuu fi firii horataa jiru dha. Kanaaf miseensotni ABO bakka jiran hundaa, deggertootnii fi ummatni Oromoo bal’aan sochii ilmaanii fi obboleeyyan keessan itti jiran kana karaa isiniif danda’ame hundaan akka jabeessitan dhaamaa; ABOn gama isaatiin sochii Qeerroon itti jiru caalaatti jabeessuuf kan irraa eegamu kan gumaachu tahuu mirkaneessa.

Waggaa dhumate keessa WBO haala rakkisaa jalatti tarkaanfii diina irratti fudhateen gaachanaa fi abdii ummata Oromoo tahuu caalaatti mirkaneesseera. Bara haaraa kana keessaa ammoo tarkaanfii isaa dachaa dachaan guddisuuf dirqama addaa isa eeggatu dha. WBO waadaa ummataa fi dhaaba isaaf seene kabajuun dirqama isaa bakkaan gahuuf ammoo deggersii fi tumsi ummataa barbaachisaa tahuun falamsiisaa miti. Waan taheef ummatni Oromoo ilmaan isaa falmaa hadhaawaatti jiran kanneeniif humna, qabeenyaa fi dandeettiin utubuun dirqama lammummaa Oromoo hundaa waan taheef gaafatama nurra jiru kana waggaa haaraa keessa gahummaan bahatuuf murannoon haa kaanu.

Mootummaan abbaa irree umrii bittaa isaa dheereffatuuf ummata tokkicha bifa adda addaan qooda. Ummatootni ollaa nagaan akka gidduu isaanii hin jiraanneef isa tokko kaan irratti kakaasuun akka wal shakkanii fi wal sodaatan taasisee hariiroo gidduu isaanii booressuun bittaa isaa jireessuun tooftaalee gabroofataan itti fayyadamu keessaa isa tokko. Kanaaf shira waggoota 20 oliif irratti hojjatamaa ture kana irra aanuuf bara 2013 keessa ummatni Oromoo tokkummaa isaa cimsee sosso‘uun irraa eegama. Ummatoota ollaa isaa waliinis hariiroo ijaaraa argamsiisuuf tattaafatuun dalagaa waggaa haaraa keessa irratti bobba’uu qabu dha. Shirri Wayyaanee addaan qoodanii bituu fashalee tokkummaan ummata keenyaa caalaatti akka jabaatuu fi hariiroon ummatoota cunqurfamoo waliinii cimee diina waloo irratti fuulleffatuun akka danda’amuuf ABOn kan isa irraa eegamu hunda raawwatuuf boodatti hin deebi’u.

Mootummaa Wayyaane sirna abbaa irrummaa diriirsuun empayera Itophiyaa waggoota 20 oliif akka bitu kan dandeessisee fi ummatoota irratti aangomsuun jireesse tumsa diplomasii fi gargaarsa maallaqa irra guddaa biyyoota Dhihaa irraa arjoomame dha. Kun akka gu’u ykn xiqqaatu taasisuun dirqama waggaa haaraa kana keessa itti bobba’amuu qabu keessaa tokko. Waan taheef miseensotni dhaabaa biyyoota alaa adda addaa keessa jiraattan hundi kana milkeessuuf sochii keessan jabeessitanii akka itti fuftan ABOn dhaama. Kanatti dabalee roorroo baqataa Oromoo irra gahaa jiru dhageesisuuf caalaatti akka hojjatan hubachiisa.

Jeequmsa mooraa qabsoo bilisummaa keessatti uumaneen qabsaawotni wal afaan galagalanii qabsoon bilisummaa miidhamuun hin haalamu. Qoodaminsi uumamuun gurmuu qabsaawotaa laaffisee diinaa fi farreeniif hiree kennuu yoo tahe malee qabsaawotaafis tahe ummataaf bu’aan argamsiisu hin jiru. Haala kana yoom illee caalaatti hubachuun ABO ShGn geeggeefamuu fi ABO QCn geggeeffamu waan addaan isaan fageessu walgidduu dhaa haxaawuun tarkaanfiilee jajjaboo gara tokkummaatti dhiheesu fudhannee ibsa kanas walumaan maqaa ABO tokkichaan yammuu isiniif dabarsinu gammachuu ol’aanaan nutti dhagahamuu ibsina.Takaanfii ABO deebisanii dhinsuu kana bakka jirtan maraa gammchunn simachuun keessan nu jajjabeesseera. Hojii eebbifamaa jalqabame kana fixannee Dhaaba tokkicha tahuun diina keenya irratti fuula deeffachuuf of qusannoo malee gamtaan kan hojjetamu tahuu irra deebinee ummata keenyaaf mirkaneessina. Akkuma hanga yoonaa gootan miseensoni Dhaabaa fi ummatni keenya dammaqaan akka hojjettan ergaa dabarsina. Tarkaanfiin miseensotaa fi murnoota ABO akeekaa fi kaayyoo wal fakkaataa qaban wajjin Dhaaba keenya jalatti dachaanee tokkummaan waliin hojjechuuf fedhii keenya irra deebinaa addeessina.

ABOn alattis kanneen walabummaan ijaaramanii bilisummaa Oromoof falman hunda wajjin harka wal qabannee qabsaawuu hang tokkoomuutti waliin hojjechuuf fedhiin guutuun jiraachuu irra deebinee ibsina. Ummatoota ollaa isaa waliinis hariiroo ijaaraa hanga ammaa ture jajjabeessuuf hojjatuun dalagaa waggaa haaraa keessa irratti bobba’uu qabnu dha. Shirri Wayyaanee addaan qoodanii bituu fashalee tokkummaan ummata keenyaa caalaatti akka jabaatuu fi hariiroon ummatoota cunqurfamoo waliinii cimee diina waloo irratti fuulleffatuun akka danda’amuuf ABOn kan isa irraa eegamu hunda raawwatuuf boodatti hin deebi’u.

Mootummaan Wayyaanee kan hanga har’aa jiraate deggersa maallaqaa fi tumsa diplomaasii mootummootaa irraa argatuun akka tahe ni beekama. Kanaaf ABOn ammas irra deebi’ee gargaarsi Wayyaaneef godhamu ummatoota ittiin cunqursuu fi ukkaamsuu irra kan oolfamu tahuu Mootummootnii fi haawasni addunyaa hubatanii gargaarsa bajataa godhaafii jiran akka dhaabanii fi mirga, ummatootaa, dirmokraasii fi namoomaa akka kabajuuf dhiibaa barbaachisu akka irratti godhan ABO irra deebi’ee waamicha isaa dabarsaaf.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Muddee 31, 2012

–oromoliberationfront.org

_______________________________________________________________________________________________________

Haqa Jal’ate Loogdummaa fi Cunqursaa Mormee Aarsaa Ta’uun Koo Anaaf Kabajaa Dha

The Gulele Post     Added by Jawar on November 2, 2012.

Namoo Daandii, WASHINGTON, DC | 11/01/2012— Manni-mutii Federaalaa Itiyoophiiyaa, Dhaddachi yakka sadaffaan, Obbo Beqqelee Garbaa faa irratti yakka murtee jira.

Waggaa tokko Abbaan-alangaa Federaalaa  “Obbo Beqqelee Garbaa faa ergaa shororkeessummaa, kan Adda Bilisummaa Oromoo fudhachuudhaan, dhaaba polotikaa seera-qabeessa dahoo godhachuudhaan humnaan qabsoo hidhannoon Mootummaa taayitaa irraa buusna, Oromiyaa qaama Federeeshinii irraa kutna” – jechuun yakka shororkeessummatti hirmaatan – jechuun, bara dabre himannaa irratti dhiheesse.

Kanneen yakka kanaaan himataman Obbo Beqqelee Garbaa dabalee sagal yoo ta’an isaanis Obbo Olbaanaa Leellisaa, Olbaanaa Lammii, Adam Buusaa,  Dubree Hawwaa Waaqoo, Obbo Mohaammed Muluu, Darajjee Katamaa, Addisuu Mokiree fi Galgaloo Gufaa ti.

Dhjaddachi Har’a gara waareetti taa’e sun akka beeksisetti murtiin kun ka kenname, abboota-murtii ammaan dura xaddacha sana irraa tajaajilaa turaniin malee kanneen Har’a taa’aniin miti.

Abbaan-alangaa ammaan dura kanneen himannaa koo naaf mirkaneessu,jedhe ragaalee adda addaa dhiheeffachuu isaa fi manni-murtii ragaalee sana xiinxalee ilaaluu isaa — himatamtoonni garuu, ragaalee himannaa sana dhara taasisu dhiheeffachuu dadhabuu isaanii dubbate – Abbaan-murtii.

Eega murtii yakkaa muree booda immoo abbaan-alangaas tahe himatamtoonni yaada murtii akka dhiheessan gaafatee ture. Abbaan-alangaa yakki sun yakka guddaa waan ta’eef akka adabbiin guddaan itti muramu ka gaafate yoo ta’u Himamtoota keessaa, Obbo Obbo Beqqelee Garbaa, Obbo Olbaanaa Leellisaa fi Obbo Olbeekaa Lammii akka abukaatoo malee yaada ofii ibsatan akka ehamamuuf gaafatanii, abbaa-murtii irraa ehama argatan.

Haala kanaan, akka dabaree isaaniitti ka dura yaada ofii kennan – Obbo Beqqelee Garbaa, “Bara jireenya kootti, haqa-jal’ate, loogdummaa, loogii-sanyii fi cunqursaa mufadhee mormeen jira. Filannooo kootiin otuu hin taane – fedha Waaqayyootiin kanan irraa dhaladhe – uummatni Oromoo, mirgawwan namummaa fi mirgawwan dimookiraasummaa isaa kabajamaniifii, ija qixxeen akka ilaalamu gochuuf qabsoon karaa nagaa geggeesseef aarsaa ta’uu danda’uun koo anaaf kabajaa dha” jedhan.

Abbaan-murtii garuu, “kun yaada adabbii salphisu miti yaada keessan sirnaan dhiheeffadhaa” ittin jechuun ajaje. Obbo BBeqqeleen garuu, daqiiqaa tokkoof illee akka dhageettii argatan ehama gaafatanii itti fufan.

“Qabsoon haga ammaa godhe keessatti  dhiifama gaafachuu yoo na barbaachise dhimma lama qofa irratti. Tokkoffaa  gidiraa fi roorroo uummata Oromoo irratti geggeessamu, akka ta’uu qabutti yoon ibsuu hanqadhee fi kanas kanan qodhe — nagaan waliin jireenya uummatootaa fi obbulummaaf yaaduu irraa sababaa hanqateef yoo tahe – uummatni Oromoo akka dhiifama naaf godhun gaafadha. Lammata immoo miidhama Uummata Oromoo hamma ta’ee ol how’isee dubbadhe yoo ta’ee fi kanas kanan godhe – dantaa dhuunfaa koo fi maqaa guddifachuuf yoo tahe, Waaqayyo akka dhiifama naaf godhun gaafadha”  jedhan. Itti-fuduudhaanis “Manni-murtii otuu ani badii hin hojjetiin yakka natti mure, naaf gaddee adabbii natti salphisa – jedhee waanan hin amanneef, yaada adabbii-salphisu dhiheessuu dhiisuu koof nan gadda” – jechuun yaada isaanii xumuran – Obbo Baqqala Garbaa. Haati-manaa isaanii, hojii irraa waan hari’atamaniif, ijoolleen isaanii galii tokko malee akka gidiramaa jiran illee Manicha murtiitti dubbatanii turan – Obbo BEQQELEE-n.

Obbo OLBAANAA LEELLISAA-s akkasuma yaada ofii ibsachuu yaalanii turan. Garuu, abbaan-murtii deddeebi’anii seeraa ala akka ta’e itti dubbachuun dhaabsisan. Himatamtoonni ka biroonis galmeen ka biraan akka irra hin jirre, namoota maatii bulchan ta’uu isaanii fi rakkoo fayyaa akka qaban ibsuudhaan akka manichi murtii adabbii isaanii salphisuuf gaafatanii jiran. Manni-mutiis rakkoo himatan sanaaf ragaa akka dhiheeffatan ajaja kennuudhaan, murii adabbii kennuuf — Sadaasa 14,2005 beellamee jira.

____________________________________________________________________________________________________

OLF Press Release on the Garba, Wallo, Killings

October 23, 2012 at 2:01 pm · Gadaa.com

Gaaffii Mirgaa Hawaasa Muslimaaf Deebii Rasaasaa Kennuu Wayyaaneetiin Balaa Babaláchuu Juruuf kna Itti Gaafatamu Sirnuma Wayyaanee ti (Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo)

Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirga walabummaa amantii hawaasni Muslimaa jióota hedduuf walitti aansee karaa nagaan gaafachaa jiruuf deebii humnaa kennuu itti fufee jira. Gaaffii mirgaa kana humnaan ukkaamsuuf jechas hanga ammaatti tarkaanfii fudhateen bakkoota adda addaatti lubbuu lammiilee hedduu galaafateera, madeesseera, kudhanoota hedduus hidheera.

Ajjeechaan suukaneessaan gidduu kana Kaaba Oromiyaa godinaa Walloo onoota adda addaa keessatti raawátames itti fufuma tarkaanfii faashistummaa fi abbaa irrummaa sirnichaa kan armaan duraa tahuun ifaa dha. Mootummaan kun ‘mirgi walabummaa amantii kamuu kabajamaa dha’ jedhee kan maqaaf heera isaa keessatti barreesse haaluudhaan hawaasa Muslimaa kan hogganoota keenya ofii keenyaaf haa filannu jedhee karaa nagaan gaafate maqaa biraa itti maxxansee rukutaa jiraachuun hedduu gaddisiisaa dha.

Sirni gara jabeessi kun gaaffii mirga siyaasaa dargaggoonni Oromoo fi qaamonni hawaasa adda addaa waggoota digdamii tokkoon dabaraniif dhiheessaa turan akkuma qawween ukkaamsaa fi dhiiga dhangalaasaa yoona gahe gaaffii mirga walabummaa amantiifis deebii wal fakkaataa kennaa jira. Kun hundi kan mirkaneessu sirni Wayyaanee ummatootas tahee hawaasota amantii gonkumaa kan bakka hin buune tahuu isaa ti. Mootummaan sirna qewweetti amanu malee ummatoota bulchaan jira ofiin jedhuuf gaafatamni homaatuu kan itti hin dhagahamne tahuu isaa guyyaa aangoo qabate irraa qabee hanga haráantanaatti tarkaanfiilee faashistummaa isaatiin mirkaneessaa jira.

Sirna ofiin bulaa kan tuffii ummatootaan guutamee dhiitaé kana irraa ummatoonni waan eegan hin qabani. Qabsoo haqaa jalqaban jabeessanii itti fufuun sirnicha kallattii maraan muddanii dhiita isaa buruqsuu malee furmaanni mulátu kan biraa hin jiru.

Mootummaan Wayyaanee akka amma itti deemaa jiru kanaan gaaffii mirga walabummaa amantii kan hawaasni Muslimaa karaa nagaan dhiheeffachaa yoona gahe daandii nagayaa irraa maqsuuf tahe jedhee dhiiga lammiilee nagaa jigsuu isaatiif itti gaafatama. Kana malees gaaffiin hawaasni kun karaa nagaan dhiheessaa yoona gahe obsa fixatee tarkaanfiilee humnaan wal dura dhaabbannootti akka cehuu fi saniinis wal qabatee balaa hamaa dhalachuu deemuuf kan itti gaafatamuuf taa’u sirnuma Wayyaanee mataa isaa tahuu yaadachiisuu feena. Addi Bilisummaa Oromoo dhiiga sirni kun gidduu kana Garbaa fi bakkoota birootti dhangaleesee fi dhangalaasaas jiru jabeessee balaaleffata. Tarkaanfii akkasii irraa mootumman kun akka dhaabbatuus gadi jabeessee akeekachiisa.

Gadaan Gadaa Bilisummaati! Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo Onkoloolessa 23, 2012

____________________________________________________________________________________________________

Qabsoon bilisummaa Oromoo garamitti deemaa jira?

Ayyaantuu News Online

Abdii Boruutiin | Onkoloolessa 14, 2012

Dubbistootni barruu kanaa waayee kana hin beekan yookaanis isaaniif kun haaraa dha jedhee otuu hin taane, barreeffama kanaaf seensa akka ta’an, mee gaafiilee tokko tokkon kaasa. Kaayyoon qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) maali? Oromoon maaliif qabsaa’aa jira? Maal barbaada ykn galiin Oromoon barbaadu maali? Karaa feeneen haa ilaallu; yaada fi ilaalcha feenes haa qabaannu; wanti hundi keenya irratti walii galuu dandeenyu, uummatni Oromoo bilisummaa fi biyya isaa humnaan dhabee; gabrummaa Habashaa jalatti akka kufe fi har’as gabrummaa kana keessa akka jiru; gabrummaan har’aa ammoo kan dur caalaa hamaa akka ta’ee dha jedheen yaada, amanas. Oromoo ta’ee kan dhugaa kanatti hin amanne yoo jiraate, kun karaa lamaan ilaalamuu ni danda’a. Inni tokko, seenaas ta’ee waayee ofii kan hin beekne; kan dammaqinsa hin qabne yoo ta’u; inni biraa otuu waa hundaa beekuu fi hubatuu, kan diina fi alagaarratti rarra’uu fi kaayyoo dhuunfaa qabatee isa kanaaf dursa kennu dha.

Yoo dhugaa kanaa olitti ibsame kanarratti waliigalame ammoo, kaayyoon QBO inni guddaan, gabaabumatti ibsuuf, bilisummaa fi abbaabiyyummaa humnaan dhabe sana deebisee argachuu dha. Akkamitti kana deebisee argataan ykn akkamitti galii hawwu gahaan gaafii biraa ti. Gaafii kanatti otuu hin ceene dura, kaayyoo isa guddaa kanarratti waliigaluun waan filannoo hin qabne dha. Kaayyoo kanatti amanuu fi kanarratti waliigaluun dirqama Oromummaa ti. Tokkummaan kaayyoo guddaa kanaaf hin uumamnes, ijaaramullee tokkummaa dhugaa ta’uu hin danda’u. Fedhii fi kaayyoo uummata ykn saba ofiitu akka tokkooman nama taasisa. Dhimma waliitu walitti nama fidee akka tokkooman nama godha. Tokkummaan kaayyoo ykn dhimma tokkoof ijaaramus tokkummaa fedhii otuu hin taane tokkummaa dirqamaa ti. Namni kaayyoo tokko qabu, isa kana galiin gahuuf tokkummaadhaan hojjechuun dirqama ta’a jechuu dha.

Akka waliigalaatti yoo ilaalame, qabsaa’otni fi jaarmayootni Oromoo, kan walaba ta’anii socha’aa jiran, waan kaayyoo guddaa kanarratti waliin morman natti hin fakkaatu. Kan jidduu isaaniitti dhibdeelee uume ykn uumu, gaafiilee: Akkamitti kaayyoo kana galiin geenya? fi Galiin booddee qabsoo kanaa maal ta’uu qaba? kan jedhan natti fakkaatu. Kaayyoodhuma fedhee ta’u, akkamitti isa kana galiin geenyaan gaafii cimaa fi rakkisaa akka ta’u waan amanamuu dha. Haa ta’u malee, galii kaayyoo tokkoo beekuun ykn murteeffachuun barbaachisaa dha. Namni galii tokko hin beekne ammoo, garamitti akka deemu beekuun isa rakkisuu danda’a. Galiin QBOs yoo hin beekamne ykn ifa hin taane, qabsoon kun garamitti (karamitti) akka deemu ibsuun rakkisaa ta’a jechuu dha. Waayee kanatu rakkoolee adda addaa uumaa deema.

Mana hidhaa sabootaa kan taate, impaayara Itoophiyaa tana yoo ilaalle, yeroo ammaa humnoota kaayyoo galii karaa afurii qabantu mul’achaa jiru:

• Tokkoffaa, warra sirna dulloomaa dur sana deebisuu barbaadanii fi ol’aantummaa Amaaraa deebisanii lubbuu itti horuu barbaadan;

• Lammaffaa, warra ol’aantummaa Tigree eeganii, haala amma jiru kana akkuma jirutti ittifufuu barbaadan; • Sadaffaa, warra Federaalisimii dhugaa ijaaruu barbaadni fi karaa kanaan impaayarittii haaromsuudhaan tokkummaa ishii jiraachisuu barbaadan; Tokkummaan yoo ture fi jiraate mitii, isa kana jiraachisuun kan danda’amu?

• Afraffaa, warra walabummaa uummatoota ykn saboota isaaniitiif qabsaa’an. Asirratti jechootni lama, kan yeroo ammaa mormisiisaa ta’an “bilisummaa” fi “walabummaan” ka’uu malu.

Warra tokkoffaa fi lammaffaa yoo ilaalle, as keessa Oromoota garaaf buluuf jedhanii; diina ykn alagaa tajaajiluuf dhaabbatan yoo ta’an malee, Oromoon Oromummaan onnee isaa/ishii keessa jiru, kan kaayyoo ykn galii kana deeggaru/deeggartu jira/jirti jedhee yaaduun na rakkisa. Humnootni kun warra QBO dadhabsiisuu fi yoo danda’ame sirumaa dhabamsiisuu barbaadan waan ta’aniif, isaan kun farra QBO ti. Warri tokkoffaan warra bu’aalee QBOn hanga har’aatti galmeesse kanaayuu balleessuu barbaadani fi Oromiyaa dhiiga fi lafee gootota Oromootiin ijaaramte tanaa kaartaarraa haxaayuuf halkanii fi guyyaa hojjetanii dha. Diinni hamaan uummta Oromoo isaan kana. Haa ta’u malee, abjuun isaanii kana ta’us, uummtani Oromoo haxaawamee Addunyaa kanarraa bada malee, sarana sirna dur sanatti deebi’ee, kan isaan jalatti gabroomsamu ni jiraata jedhee hin yaadu, hin amanus.

Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, warri sadaffaan diina uummta Oromoo ti yookaanis farra QBO ti jedhee hin amanu. Maaliif yoo jedhame, impaayarittiin tun sirni ishii diigamee; Federaalisimiin akka amma jiru kana otuu hin taane, Federaalisimiin dhugaa ijaaramuu yoo danda’e, kun gara QBOtiinis yoo ilaalame qabsoo kana tarkaanfii tokko gara fuulduraatti oofuu danda’a malee, wanti Oromoo miidhu ykn qabsoo kana gaaga’u ni uumama jedhee hin yaadu. Haa ta’u malee, gaafii guddaan asirratti ka’u: Eenyu wajjin waliigalamee fi hojjetameeti kaayyoon akkanaa kun dhugoomuu danda’a? kan jedhu waan ta’uuf, anis asirratti shakkiin qaba. Gaafiin biraas kan asirratti ka’u: Warri halkanii fi guyyaa tokkummaa Itoophiyaa faarsan, keessumaayuu Habshootni, dhuguma kaayyoo akkanaatti amananii; warra biroo wajjin hojjetanii isa kana galiin gawuu danda’u? kan jedhu ta’a.

Habashootni, tooftaaf jedhanii, saboota cunqurfamoo, keessumaayuu Oromoo, ofitti harkisuuf; isaan kanatti fayyadamanii kaayyoo ofii (kaayyoo dhokataa) galiin gawuuf yoo ta’e malee, dhuguma Federaalisimii dhugaatti amananii hojjechuu ni fedhu jedhee yaaduun baay’ee na rakkisa. Dabni isaanii (yannassuu bilxaa bilxinnat) nuuf haaraa miti. Kana hubachuu dhabuutu mooraa keenya keessatti rakkoolee uumaa ture, uumas jira, ittifufuullee mala. Daba isaanii isaanuu nutti himaa jiru. “Oromoo yawwaah nawu” kan jedhan maalirraa ka’anii ti? Gowwoomsamuu keenya waan arganii fi beekaniifii mitii? Maarree, otuu humna ofii hin cimsin; otuu mooraa ofii hin jabeessin; otuu waliigaltee hin qabaatin; diina nama gowwoomsuuf yaalii hundaa godhu kana amala isaa fi shira isaa otuu beeknuu, isaanitti fiiguun, isaan jala kaachuun maaliifi?

Humnoota biroo waliin tumsa ijaaruun waan haaraa miti; kan Oromoos adda ta’uu hin qabu. Diina waloo cimaa tokko kuffisuuf tumsa ijaaruun barbaachisaa ta’a. Haa ta’u malee, tumsa alaa otuu hin barbaadin dura, tokkummaa ykn tumsa mooraa ofii uumuun, akka gaaga’amni namarra hin geenye wabii ta’a. Yoo kun hin taane ykn hin jiraanne, kophaa kophaa deemanii diina fi alagaatti fiiguun xumurri isaa gaarii hin ta’u. Yoo humni mooraa ofii cime, warri tumsa nama wajjin ijaaranillee nama sodaatu. Yoo humni mooraa ofii laafaa ta’a ammoo, dura namatti fayyadamanii; sana booda kophaa kophaatti nama rukutu. Tooftaan akkanaa kun ammoo Habashoota biratti waanuma beekamuu dha. Kanaaf, isaan wajjin hojjechuun ykn isaanitti fiiguun akka gamnummaatti ilaalamuun dogoggora.

Akkuma kanaa olitti ibsame, kaayyoon QBO inni guddaan tokkuma. Innis bilisummaa fi abbaabiyyummaa saba Oromoo mirkaneessuu dha. Tooftaaf jedhamees haa ta’u, kan rakkoo uume garuu ilaalcha galii booddee qabsoo kanaa ti. Karaa kanaan qabsaa’ota mooraa keenyaa bakkee saditti baasnee ilaaluu ni dandeenya. Isaanis gabaabumatti ibsuudhaaf:

• A) Warra Federaalisimiin dhugaa ijaaramee; uummatni Oromoo ofiin of bulchuu yoo danda’e (oromian autonomy), kunuu gahaa dha warra jedhan;

• B) Warra hiree ofii kan ofiin (ofiif) murteeffatu uummata Oromoo waan ta’eef (self determination of the Oromo people), galii booddee qabsoo isaa innumti haa murteeffatu jedhanii galii kana banaa godhanii dhiisan;

• C) Warra biyyi keenya Oromiyaan kolonii jala waan jirtuuf, guutumaa guutuutti walaboomuu qabdi (complete independence) jedhan

Fedhiin dhuunfaa fi kaayyoon biraa yoo duuba jiraatellee, kana akkuma jirutti dhiisnee; waan isaan kun sadeenuu waliin qaban (kan waloo) yoo ilaalle, hundi isaaniituu akka uummatni keenya gabrummaa jalaa bawu barbaadu jedheen yaada. Namni fedhii kana hin qabaanne, farra QBO waan ta’uuf, ani qabsaa’aa dha ofiin jedhee maqaa kanaan daldaluun irra hin jiru; mooraa diinaatti galuu qaba. Uummatni Oromoo gabrummaa Habashaa jalaa akka bawuuf qabsoofna yoo jedhan, galiin isaan barbaadanillee gara gara yoo ta’e; ammaaf kaayyoo kanaaf tokkoomuun; yoo tokkummaan hin danda’amne tumsa waliif ta’uun silaa dirqama ture. Inni kunuu hafee; olola walirratti godhuu dhiisanii; mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbiin akka uumamu taasisuunuu sadarkaa isa duraa ture. Nagaa fi tasgabbii uumuun maaliif barbaachisaa ta’a? Yoo nagaa fi tasgabbiin uumame:

• Tokkoffaa, waldura dhaabbachuudhaan humna walii laaffisuurra, hunduu karaa danda’aniin hojjetanii waldorggommii dhugaa godhanii bu’aa tokko buusuu danda’u

• Lammaffaa, yoo olola walirratti godhuun dhaabbate, diinatti qaawwi waan cufamuuf, jidduu keenya seenee, akka walirratti duullu taasisuuf carraa hin argatu

• Sadaffaa, uummatni keenya warra caalaatti isaaf qabsaawu fi bu’aa argamsiisu addaan baafatee, kan cime duuba fi wajjin hiriiruu danda’a

• Afraffaa, hamileen diina QBO laafuu danda’a. Hawaastonni Addunyaallee ija biraatiin nu ilaaluu danda’u

Faayidaan inni qabu kana qofaa miti. Nagaa fi tasgabbiin mooraa keenyaa, bu’ura waa hundaa ti, abdii egeree ti. Tokkummaan keenyallee asirraa madda. Bakka nagaan jiru tokkummaan jiraachuu danda’a. Yoo nagaa fi tasgabbiin hin jiraatne, waldiigumsi ittifufa. Kanarraa kan bu’aa argatu ammoo, diina Oromoo qofaa dha. Uummatni keenya kanarraa bu’aa takkallee hin argatu.

Waayee nagaa fi tasgabbii mooraa QBO ergan kaase, mee carraa kanaan waan yeroo ammaa deemaa jiru fi hubadhe tokkon ibsuu yaala. Innis waayee Waltajjii Marii Oromoo (WMO) jedhamuun yeroo ammaa mumul’achaa jiru dha. Duraan dursee, wantin dubbistoota barreeffama kanaa hubachiisuu barbaadu, ani akka nama tokkootti, akka ilma Oromoo tokkootti, warra WMO jedhan kana deeggaruufis ta’ee balaaleffachuuf miti. Garuu, wantan hubadhen ibsuu barbaada. Bakkuma fedhettuu, eenyu wajjinuu haa ta’u, marii godhuun waan badaa miti. Mariirraa waa baayeetu madda. Hubachuu fi wal hubachiisuunillee mariirraa argama. Akka hanga ammaatti beekamutti, jarri kun waltajjii marii jedhan malee, akka jaarmayaa ykn dhaaba tokkootti ijaaramanii;sagantaa fi kaayyoo tokkoon gadi hin baane. Garamitti akka deeman beekuun yoo hin danda’amnellee tilmaamuun garuu ni danda’ama ta’a. Kana kanumman dhiisuun barbaada.

Karaa biraatiin yoon ilaalu garuu, haala bara 2008 uumame sana wajjin wal bira qabee yoon ilaalu, waanuma gara tokkotti deemu natti fakkaata. Maal jechuu kooti? Bara sana warri KY ABO jedhanii jijjiirama labsan; akka jalqabanitti waanuma yeroo gabaabaa keessatti raajii tokko mul’isan fakkaatee ture. Uummatni bilisummaa beelaye fi dheebotes, amma jijjiiramni dhugaa tokko ni dhufa jedhanii akkamitti akka hamileedhaan ka’an waan hirraanfatamuu miti. Haa ta’u malee, yeroo gabaabaa booda waa abjootame sun hunduu abjumatti hafee; boodarra siriidhaa gareen sun bakkee lamaa saditti caccabee hafe. Mooyxannoo sanarraa ka’ee yoon hubadu, adeemsi ammaa kunis (kan warra WMO), akkuma yeroo sana “jijjiirama” jedhame, har’a ammoo “mul’ata haaraa” jedhanii qalbii uummata keenyaa harkisuuf yoo ta’e malee, mul’atni haaraan kun waan adda ta’e tokko ni argamsiisa jedhee yaaduun na rakkisaa jira. Dhugaa dubbachuudhaaf, shakkii qabun ibsuu barbaade malee jara kana hamilee isaanii cabsuufii miti.

Abbaan fedhe, karaa danda’een jijjiirama tokko uummata keenyaaf fiduu yoo danda’e, ani baay’een itti gammada. Ani akka ilma Oromoo tokkootti, Oromoon akka walirratti duulu hin barbaadu. Amanamus amanamuu baatuus, ani nama tokkummaa ilmaan Oromootiif cinqamuu dha. Diinnii nu keessa seenee akka nu qoqqoodu hin fedhu. Kanaafan mooraa keenya keessatti nagaa fi tasgabbiin uumamuu qaba jedhee irra deddeebi’ee dubbadha. Nagaa fi tasgabbii dhabuu mooraa keenyaarraa; wal abaaruu fi wal arrabsuu keenyarraa; kan bu’aa argatu diina keenya qofaa dha. Kanaaf, wal abaaruu, wal arrabsuu, olola walirratti oofuu, hamilee walii cabsuu, sakaallaa walitti ta’uu, diinni otuu jiruu isa dhiifnee walirratti duuluun dhaabbachuu qaba.

Mammaaksa Oromoo lamaan tokkoon barruu kiyya xumura. “Kan dandeessu dhaani jennaan, gowwaan galee niitii dhaane” fi “Foon lafa jiruuf allaattiin samiirratti wal nyaatti” Kan dhaanamuu qabu silaa diina cimaa dha malee laafaa ofiitii miti; diina hamaa nu nyaachaa jiru dhiifnee, walirratti duuluun hiika hin qabu. Humna keenya jabeessinee diina keenya injifachuu qabna. Har’a sagalee tokko dubbachuunuu humna qabaachuu agarsiisa. Olola walirratti oofuu fi wal dadhabsiisuu haa dhaabnu. Sababa fedheenuu haa ta’u, tokkoomuun yoo hin danda’amne, qabsoo waloo kana cimsuuf karaa danda’amu hundaan wal gargaaruu fi tumsa waliif ta’uun yeroon isaa amma dha. Kun fedhii keenya qofaa otuu hin taane dirqama Oromummaa ti. Oromoon wal malee gargaarsa biraa hin qabu. Fira QBO caalaa diina isaatu heddooma. Kana hubatnee bakkee hundatti humna keenya cimsuu qabna.

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

_________________________________________________________________________________________________

Magaalota Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Alaabaan ABO Bala’iuun Ummata Gammachiise

August 28, 2012 By

Yeroo ammaa dabballoonni Wayyaanee du’aatii Mallas Zeenaaf ummata humnaan akka booyanii fi gadda ta’aan baadiyyaa irraa hamma magaalaatti yeroo rakkisaa jiranidha. haala kanaan diddaa dabboontoti muldhisan ammoo magaalota gara garaa keessatti Alaabaa ABO fannisuun hawwii bilisummaaf qaban muldhisuu fi diddaa qaban agarsiisaa jiru. Akka kanaan Alaabaan ABO magaalota Finfinnee,Sabbataa,Adaamaa,Amboo, Baakkoo fi bakkoota adda addaatti balali’uun ummata gammachiise. Alaabaa fi waraqaan ykn barruun warraaqsaa itti fufiinsaan bakkoota adda addaatti faca’uutti jiraachuun qeerroon gabaasa.

__________________________________________________________________________________________________________

Qophii Ayyaan Irreechaa bra 2012 magaalaa Oslo, Norway

August 27, 2012 at 6:51 pm · Gadaa.com

“… Birraan barihee dukkana nurra arihee Ballammi haami jennaan haamee dhufe kuno lammii kee waami jennaan waamedhufe kuno …,” Sirba Oromoo

 Ayyaan irreechaa kan baranaa Onkololleessa (October) 06 bara 2012 biyya Norway, magaalaa Oslo, bakka hora Sognsvann jedhamutti ganama {saafaa} sa’ati 12:00 irraa eegalee kabajama.

Ilmaan oromoo kannen dhihoo fi fagoo jiraattan hundi jila dudhaa ganamaa kana irratti uffata aadaatiin of miidhagsitanii akka ayyaana kana irratti hirmaattan kabajaa guddaa wajjiin isin afeerra.

Malkaa jilaa dhufuudhaaf, baabura lafa jalaa (Metro) laak kofsa3 isa gara kallattii lixaa deemu (West bound) yaabbadhaa; buufatni isaa kan maayyii Sognsvann suduudaan isin fida.

Erga qophiin irreechaa raawwatee booda, sagantaa seminaaraa hayyoota seenaa fi aadaa oromoo qo’ataniin dhihaatutu itti fufa. Qophii booharaas ni qabna.

Bakki seminaaraa fi qophiin bohaarsaa itti dhihaatu: Tåsensiniorsenter Tåsenvein 66 0873 Oslo

Bakka kana dhufuuf, magaala irraa T-bane lakk. 3 qabadhaa fermaataa/bufata (Tåsen), ykn otobisi lakk. 34 gara Tåsen deemu qabadhaa bufata maayyii irratti bu’aa.

Odeessii dabalataa yoo barbaaddan yookiin gaaffii yoo qabaattan bilbila harkaa laakkofsa +47 951 88 081 / + 47 911 85 127 / irreechaa@gmail.com nuun qunnamaa.

Ana haadhufu!

Gadaan roobaa fi gabbina!

Koree Qindeessituu

____________________________________________________________________________________________________

Waraqaaleen dhaadannoo Magaalota Oromiya a bakkoota gara garaa keessatti Qeerroon bal’inaan maxxanfame.

Hagayya 27,2012  Finfinnee
Waraqaan dhaadannoo fi hubannoo siyaasaa kennan Oromiyaa keessatti bakkeewwan gaa garaa keessatti Qeerroon maxxanfaman.Dhaadannoowwan
1. Hidhaa fi ajjeechaan gaaffii mirgaa dhaabuu hin dandaan
2. Qeerroon Oromiyaa bilisoomsuuf wareegama kamuu ni baasa
3. Oromiyaan ni bilisoomti
4. Garboomfataan ni kufa
5. Oromiyaan kan oromooti
6. Mirgi amantiilee haa kabajamu
7. Bilisaan dhalatanii garboomuun salphina
8. Bilisummaa fi Walabummaa ilmaan oromoo gaggeessuuf warraaqsa uummataa gaggeessuun murteessaa taheera
9. Lama duuun salphina
10. Qeerroo imaanaa ilmaan oromoo baasuuf kai!
Kanneen jedhan magaala Finfinnee,Amboo,Sabbataa,Dirree Dawaa,Adaaa Bargaa,Gimbii,Ayiraa fi Adaamaa keessatti dhaabbilee barnootaa fi bakkeewwan uummatni haalaan dubbisuu dandautti maxxanfamanii jiran.Waraqaalee maxxanf amaniin uummatni oromoo dammaqinsa guddaan kan kaaa jiruu fi haamileen itti horame yoommuu tahu mootummaan wayyaanee dhiphuu jabaa keessa seenee jira.Waraqaalee maxxanfaman waraanni mootummaa wayyaanee hedduu kan dhiphatee fi funaansaaf bobbauun dhiphachaa jira.
Alaabaan ABOs magaalotaa fi konkolaattota magaalaa irratti fannifamuun magaala Finfinnee fi Adaamaa keessatti ABO seenee waan jiruuf waraanni mootummaa wayyaanee dhiphate.Alaabaan ABO ibsituu ilmaan oromooti,Alaabaan ABO ifa bahuu qaba jechuun Alaabaan fannifamee jira.Alaabaa Konkolaattota duubaan fannifamanii magaala Finfinnee keessa wayita balaliianitti wayyaaneen haala yeroo waliin dhiphuu jabaa keessa seenee jira.Alaabaan ABO Oromiyaa irratti hanga balaliiutti qabsoon hadhaa akka gageeffamu qeerroon irbuu seenee jira.

_____________________________________________________________________________________________________

Ibsa kora qindeessaa warraaqsa ummata Oromoo

August 23, 2012 By

Waamicha Qabsoo Jaarmiyaa Oromoo fi Ummata Oromoo Maraaf!

Jijjiiramni dorrobe kun bobaa diina biraa jala galuu hin qabu! OO…. Jedhanii Waamicha bara dheeraatif Kaayyoo tokkoof Owwaachuun Amma!

Gufuu Bilisummaa Ummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa ta’uun baroota 21f dhukkuba naqarsaa Ummata keenyaa kan ture Mataan Wayyaanee Mallas Zeenaawii haala hin eegamneen addunyaa tanarraa darbuun balballi bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaa banamuu ifaan nutti agarsiisa. Balbala saaqamte kana diinni biraa itti seenee abdii muul’atte tana akka nu harkatti hin dukkaneessine Jaarmiyaan Oromoo marti, garaagarummaa siyaasaa cinaatti dhiisudhaan, addatti immoo ABO fi ummanni Oromoo carraa kanatti fayyadamudhaan humna murteessaa iddoo murteessaa irratti bobbaasudhaan dirqama yeroon itti hin liqeeffatamne kana bahuun fardii ta’eera. Kanaaf Jaarmiyaan Oromoo marti, akkasumas ummanni Oromoo bal’aan balbala saaqamte kana diina biraa irraa baraaruu fi gidiraa baroota dheeraaf ummata Oromoo irratti qancare kana hundeen buqqisanii gatuuf yeroo kamiiyyuu caalaa yeroon kun murteessaa ta’uu hubachudhaan Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaatiif Owwaachun amma jechuun waamicha qabsoo dhiyeessina!

GGB!

KQWUO

Hagayya 21, 2012

_____________________________________________________________________________________________________

4 comments on “Afaan Oromo

Leave a comment